WELCOME TO OMO NADA WOREDA

OBBO NAASIR RAAYYAA
BULCHAA AANAA OOMOO NAADDAA

Omo Nada is one of the woredas in the Oromia region of Ethiopia. Part of the Jimma Zone, Omo Nada is bordered on the south by the Gojeb River, which separates it from the Southern Nations, Nationalities and Peoples Region (SNNPR), on the west by Dedo, on the northwest by Kersa, on the north by Tiro Afeta, on the northeast by Sokoru, and on the east by the Omo River which separates it from the SNNPR. Nada is the administrative center of the district; other towns in Omo Nada include Asendabo.

Overview

The altitude of this district ranges from 1000 to 3340 meters (3281 to 10958 feet) above sea level. Major peaks include Mounts Maigudo, Gudaje and Dasu Boreto. Perennial rivers include the Gilgel Gibe, Nada Guda and Beyem. A survey of the land in this district shows that 56.8% is arable or cultivable (36.3% was under annual crops), 25.2% pasture, 6.3% forest, and the remaining 11.7% is considered swampy, degraded or otherwise unusable. Teff and wheat are important cash crops.[1] Coffee is also an important cash crop; between 20 and 50 square kilometers are planted with this crop.[2]

Industry in this district includes 26 grain mills. Coal, iron and manganese deposits have been identified in Omo Nada, but have not yet been developed. There were 37 Farmers Associations with 17,295 members and 17 Farmers Service Cooperatives with 4,608 members. Omo Nada has 67 kilometers of dry-weather and 36 of all-weather road, for an average road density of 64.2 kilometers per 1000 square kilometers. About 44% of the urban and 5.2% of the rural population has access to drinking water.[1]

Demographics[edit]

The 2007 national census reported a total population of 248,173, of whom 124,289 were men and 123,884 were women. 12,215 or 4.92% of its population were urban dwellers. With an estimated area of 1,602.66 square kilometers, Omo Nada has an estimated population density of 158.7 people per square kilometer, which is greater than the Zone average of 150.6. The majority of the inhabitants were Muslim, with 95.44% of the population reporting they observed this belief, while 2.93% of the population said they practiced Ethiopian Orthodox Christianity, and 1.49% were Protestant.[3]

To contrast, the 1994 national census reported a total population for this district of 182,995, of whom 91,662 were men and 91,333 women; 7,249 or 3.96% of its population were urban dwellers at the time. The five largest ethnic groups reported in Omo Nada were the Oromo (91.2%), the Yem (3.07%), the Amhara (1.65%), the Hadiya (1.32%), and the Kullo (1.1%); all other ethnic groups made up 1.66% of the population.[4] However according to one source, in the early 1990s 72,200 members of the Yem lived in 26 villages in this district.[5] Oromiffa was spoken as a first language by 94.16%, 2.17% spoke Amharic, 1.28% spoke Hadiya, and 1.28% spoke Kullo; the remaining 1.11% spoke all other primary languages reported. The majority of the inhabitants were Muslim, with 95.64% of the population having reported they practiced that belief, while 3.24% of the population said they professed Ethiopian Orthodox Christianity, and 1.06% were Protestant.

 

HAWWATA TURIZIMII AANAA OOMOO NAADDAA

Odaan Hullee Odaalee Oromoon jalatti seera tumataa ture keessaa isa tokko. Innis naannoo bara1730-1738tti Wiirtuu Gadaa Ta’ee akka tajaajilaa ture ragaan adda addaa ni ibsa. Gadaa  baradheeraaf addaan cite kana qorannaa fi qophii hedduun booda haala haaraan iddoo isaatti deebisuuf hojiin hojjetamaa jiru sadarkaa isa dhumaa irratti argama. As keessatti kan ilaallu maalummaa bulchiinsa odaa hullee fi akkaataa qoqqoodama bulchiinsa isaa, akkamitti akka badee turee fi yeroo ammaa immoo haala kamirra akka jiruufi waa’ee abbaa gadaa odaa hullee ilaalchisee bal’inaan kan ilaalluudha.

BOQONNAA TOKKO

1.1.seenaa odaa hullee

1.2. odaan hullee eessatti argama?

1.2.1.lafti tumaa odaa hullee kabajaan jira

1.3.tumaan odaa hullee yoom tumamee?eenyun tumaamee?

1.3.1.   lafti odaa hullee maaliif filatamee?

1.3.2.odaan hulleetti seera maalii tumaame?

1.3.3.akkaataa teessuma lafaa naannoo odaa hullee

BOQONNAA LAMA

2.1 irressi hortee ormoo akaakoo/ akka godina jimmatti/eessatti argama

2.2 haala maalii keessa ture

2.3 amma sadarkaa maalii irratti argama

BOQONNAA  SADI

3.1.maqaa fi bakka dhaloota obbo abbaa diigga abba duula

3.2 .seenaa jireenya isaanii

3.3.bu”aa isaan uummata oromoof buusan

Boqonnaa  1

  • Seenaa Odaa Hullee

Sirna gadaa kanneen dursaan badan keessaa tokko gadaa hulleeti. Gadaan kun kan akaakilee warra maccaa garee warra sadachaatiin kan ijaarame yoo ta’u, innis quxisuu gadaa odaa bisil  seena qabeessa kan tumaan makkoo bilii itti tumameeti. Gadaan odaa hullee oromoota lixa kibba oromiyaa jiraatanu kanneen jalqaba jaarraa 16ffaa irraa jalqabee bulchiinsa mootolee shanan  gibee (jimma, gomma, geeraa, limmuufi guumaa) jalatti bulaa turaniiti. Sirni gadaa kun kan dursaan bade yoo ta’uhar’a badiinsi isaa jaarraa lamaa ol  keessa jira.

Iji baddus iddoon ijaa hin baddu akkuma jedhamu sirni gadaa kun baduun isaa jaarraa lamaa ol ta’uyyuu odaan hullee har’as lafuma sana jira.

  • Odaan Hullee eessatti argama:-
  • Iddoon itti argamu godina jimmaa aanaa oomoo Naaddaa Ganda collee beeyyam jedhamu keessatti argama.
  • Magaalaa Aallee irraa km.5 fagaata.Gara biraatin magaalaa “Bulbul Ashawaa” jedhamee waamamu irraa laga gibee ce’ee fageenya km 10 irratti argama.
    • Lafti tumaa odaa hullee kabajaan jira.
  • Iddoon lafa tumaa odaa hullee baayyee ol kaatuu waan taateef iddoo kana namni dhabate kallattii 4nin iddoo barbaade argu danda’a iddoon lafa tumaa Odaa Hullee akka waan hin jirree fi badeera jechuun namoota tokko tokkoon odeeffamaa tureera.
  • Garuu haalli jireenya lafa kanaa faallaa isaa odeeffamaa tureera.
  • Naannoon lafa tumaa kun haala amanuudhaaf nama rakkisuun waggaa kana hunda kabajamee fi eegamee turuun nama ajaa’ibsiisa.
  • Lafti odaa seerrii jalatti tumame dallaa barasana itti naanna’een eegama. Hinqotamu, itti hin bu’amu, lafa kabajamaa fi akka eegatanu abbootii jaraa irraa imaanaan itti kenname waan ta’eef akka jiraattonni Hullee jedhanutti namni imaanaa kana cabse abaaramaadha. Kana irraa kan ka’e mootii A/Jifaarii kaasee namoota bebbeekamoo ta’an hedduun dangaasaa kabajachiisuun kabajuu hanga har’aatti sodaa fi ulfina iddoo kanaa qaban walii dhaamaa turaniiru.
  • Kan biroo odaan gumiin jala taa’u ‘’odaa ja’anii”jedhamukan teessoo makkaa waaree
  • “Odaa jaalallee” iddoo waadaan itti galamu,
  • “Bishaan abbaa gadaa “iddoo irreechaa fi horri abbaa Gadaa hanga ammaatti maqaa fi iddoon isaanii otuu hin badin ittiin waamamaa jiraachuun nama dhiba.
    • Tumaan odaa hullee yoom tumame? Eenyuun tumame?
  • Akka manguddoonni umurii dheeraa naannoo Hullee fi beektonni tokko tokko kaa’anitti jalqaba jaarraa 17ffaatti jechuudha.Maaliif yoo jenne oromoon jimmaa bisilii ka’ee laga gibee ce’ee gara limmuutiin jimmaankan dhufe jaarraa 16ffaa keessa jedhama.Gara biraatiin immoo jaarraa 16ffaan dura kan jedhanus jiru.
  • Gosti oromoo jimmaa qaccee maccaati. Akkuma beekamu maccaa fi tuulamni booranattii citee madda walaabuu dhiisee gara shawaa bahaa dhufuun “Odaa Nabee” uummachuun ni beekama. Booda baballataa dhufuun itti fufee macci tuulamattii citee gara shawaa lixaa dhufuun “odaa bisil” uummate.Ballinaan itti fufuun macci ilmaan shan liiban, jaawwii, guduruu, daallee ykn daadhii, fi jidda horuun erga baay’atanii qoqqoodamuun ja’an jaawwii, torban guduruu fi
  • torbandaallee ykn daadhii gara wallagaa fi iluu Abbaa booraatti tamsa’ un “odaa bulluq” wallaggatti uummatee jiraate.
  • Afran jiddaa immoo akaako, jimma, sadachaa fi badiiwarri jedhaman bisilii ka’anii gibe ce’anii gara limmuutiin jimmaan galan jechuudha. Isaan kunis ilmaan horuun erga baay’ataniiOdaa Hulleetti isaan kanatu seera tumatan jechuudha.
    • Lafti Odaa Hullee maaliif filatame?

Odaan seerri jalatti tumamu dhabamee namicha”Baabboo koyyee” jedhamuun otuu barbaadamu odaan kun argame jennaan limmuu, Geeraa,Guumaa,Gommaa fi Jimmaa walitti dhufanii odaa Hulleetti wal-gahanii seera tumatan.

  • Odaa Hulleetti seera maaltu tumame?

Akkuma iddoo biraatti oromoon seera tumatan oromoon jimmaatis shaneen bu’uura seera oromoo jedhaman irratti hunda’uun seerri tumame.

Isaanis:-

  1. Nama ajjeesuu
  2. Hatuu

           3.Sobuu      

  1. Sagaagaluu
  2. Kofa ummataa baasuu fi kan biroos kan nama adabsiisan tumameera.Ogeessonni waa hojjetan fi dubartiin kabaja addaa akka argatan tumameera.

Ogeessonni kabaja addaa argatan kunneenis

  • Namoota sibiila tuman
  • gaagura hidhanuu fi
  •  

Maaliif yoo jedhame meeshaa isaan hojjetanuun ala jiraachuun hin danda’amu.Dubartiinimmoo deessee waan itti dabaltuufi kan kabaja addaa argattu. Kanaafuu odaa Hulleettis akkuma iddoo biroo kabaja akka argatan tumameera.Oromoonni gadaa odaa hullee kana jalatti seera tumataa turan kutaalee bulchiinsaa torbatti qoodamuun seera jaraa raawwachiifataafi kabachiifataa akka turan beektonni ni himu.Boodarra  immoo akkuma seerri gadaa heyyamutti baay’inni ummataa dabalaa akkuma deemu kutaan bulchiinsa sirna gadaa duukuma dabalaa deema. Adeemsuma kanaan kutaan bulchiinsa Odaa Baaqil  jedhamu magaalaa jimmaatti dabalamuun kutaaleen bulchiinsa odaa hullee saddeet ta’uun seera isaa geggeeffataa kan jiruudha.

Saddeettan kutaa bulchiinsaa kunis:-

  1. Tumaa Amdoo Aanaa Noonnoo Beenjaa keessa
  2. Odaa TinjiiAanaa Limmuu Saqqaa keessa
  3. Tumaa SeenqaaAanaa Gommaa keessa
  4. Tumaa MaayiiAanaa Geeraa keessa
  5. Tumaa Goophaaaanaa saxxammaa keessa
  6. Caffee DooqeeAanaa Cooraa Botor keessa
  7. Odaa DiimaaAanaa Oomoo Naaddaa keessa
  8. Odaa Baaqil Magaalaa Jimmaa keessatti kan argamuuudha.

Odaan  diimaa kutaalee bulchiinsa gadaa odaa hullee saddeettan keessaa tokko ta’ee fageenyaan kutaalee bulchiinsaa kanneen kaanirra odaa hulleetti dhiyaatee argamuuf kutaaleen bulchiinsaa odaa hullee jala jiran odaa hullee yommuu dhufan achi jalatti haara galfatanii gara odaa hullee deemu. Innis achuma aanaa oomoo naaddaa ganda sayyoo adaamii keessatti argama. Ummanni oromoo kutaa bulchiinsa odaa diimaa jala jiranis  bara 2010 irraa eegaluun achi jalatti kan mari’atan. Caffeen kun kan inni of jalatti qabatu aanaalee godina jimmaa keessaa kudhan kan of keessatti qabatu yoo ta’u aanaaleen kunneenis manchoo, deedoo, sokorruu, oomoo beeyyam, xiroo afataa, oomoo naaddaa,qarsaa, maannaa, shabee somboo, saqqaa coqorsaa,yoo ta’an isaan kun caffee odaa diimaa jalatti marii geggeeffatu.

 

  • Akkaataa teessuma lafaa naannoo odaa hullee

Odaan hullee aanaa oomoo naaddaa ganda collee beeyyamitti kan argamu yoo ta’u, lafti inni irratti argamu olka’aa fi achi irra dhaabbatanii godina jimmaa kallattii afraniin kan argan yoo ta’u uumamni isaa kan nama ajaa’ibuudha. Odaan  kun odaa tumaafi odaalee naannoo isaa jiranu keessaa isaguddaa fi iddoo seerri itti lallabamuudha. iddoon kun iddoo ummanni oromoo Tumaa adda addaa jalatti tumatuufi guyyaa muudama abbaa gadaa kormi itti qalamuudha.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 Odaa guddichaa odaa tumaa jedhamee beekamu naannoon  odaa hullee kallattii afraniin odaalee naannoo sana jiran maqaa mataa mataa isaanii qabaniifi faayidaa garagaaf oolan shantu jiru. Isaanis akka armaan gadiitti ibsamanii jiru.

  1. Odaa gumii :- iddoon kun iddoo namoonni wol miidhan itti dubbatamuu fi araarri itti bu’uudha.

Odaan kun odaa guddicha odaa odaa tumaa irra gara kibbatti meetira 100 fagaachuun gandda collee beeyyam keessatti argama.

 

  Odaa Jaalallee:- iddoo kanatti yeroo sirni muudama abbaa gadaafi wal harkaa fuuchaan baallii adeemsifamu goromsi jalatti qalama. Innis odaa hulleerraa meetira 400 gara kaaba dhihaatti ganda collee beeyyamitti argama

 

 

2.Odaa ja’anii:- iddoo kanatti yeroo sirni wol harkaa fuuchaa baallii fi mudamni abbaa gadaa adeemsifamu buna qalaatujalatti  nyaatama. Innis ganda laaloo beeyyam keessatti argama.

 

 

 

 

    Odaan jila odaalee naannoo odaa guddicha odaa hulleetti argaman kessa isa tokkoodha odaa kun dirree buttaatii wolitti aanudhaa kan argamuudha akkuma beekam dirreen buttaa eddo gaafa baalliin wol harkaa fuudhamu kormmi itti qalamee keessummaan dhufe itti keessummeeffamuudha,

 

Dabalataanis naannoo odaa hullee kanatti bakkeewwan seena qabeessa argaman keessaa:-

  1. Bakkeen buttaa, bishaan buttaa kan of jalatti
  2. qabatee jiruufi kan iddoo kanatti qalamu sa’a/dullattiidha/.
  3. Gulantaa fardaa:- iddoo fardi dhufee achii gaditti hiikkatuu fi irraa bu’amee ol galamuu dha.
  4. Bishaan abba gadaa bishaan kun kan abbaan gadaa dhaqna  itti dhiqatanuudha.

5.Caffee abbaa gadaa :- iddoo fardii abbaa gadaa dheedu

 

 

Akkasumas ganda ollaa odaan hullee itti argamu keessatti kan argamu Ganda laaftakkaa keessatti:-

  • Hora jila abbaa bakka irreecha ilmaan shanan gibee itti irreeffatanuudha
  • Malkaa tumaa
  • Hora aannanii
  • Dirree irreecha afraasaa argama iddoo kana adda baafachuudhaan qoratamee daangeffamee hojii keessa akka galu gochuu.
  • Teessoo MakkaaWaareeteessoon kun kan raajjuu dubartii beekumsaan badhaafamte.

Sirni gadaa sirna ittiin bulmaata oromooti.Gadaan jarmiyaa umurii fidhalootaan ijaarame yoo ta,u sirna bulchiinsa dimokiraatawaadha. Gadaan sirna ittin siyaasni, dinagdeenii fi hawaasummaan ummata oromoo ittin murteeffamu, kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa ittin wali galu fi tokkummaan ittin waliin jiraatudha. Sirni gadaa

dimokiraatawaa ta’uu isaa beektootni seenaa fi saayinsii hedduun mirkaneessanii jiru.

Keessumattuu sirni kun ummata oromoo gujii biratti hanga ammaatti faashinii jabana kanaatiin osoo hin jeeqamiin aadaa isaa qabatee har’a ga’ee jira.

Oromoon maccaa naannoo kana kan qubate jaarraa 16ffaa walakkeessa lammaffaa keessa yeroo oromoon gara kibbaa mormoritti babalachaa turetti. Mootummaan duraan naannoo sana ture Impaayera Itoophiyaa fi Sulxaanaa Adal Bulchinsa Ahmad Giraanyii jalatti waraannii gaggeeffameen kan dadhabe yoo ta’uu waraanaa fi buttaa garbaa kan abbooti waraanaa

warraa kiristaanaa geeggeessaa turaniin ummanni duraan naannoo sana ture bayyee xiqqeesseti ture.

 

Qubsumni macci naannoo amma jiraatanitti godhe kun garee gugguddaan godhame ture, maqaan gosoota maccaa ammallee akka maqaa iddoowwanitti afaan omootikii fi naayiloo- saahaara dubbatu kan duraan naannoo sana ture. Har’a galata qabsoo oromoof haata’u jechaa gadaa jimmaa kana deebisanii ijaaruu keessatti namni gahee guddaa bahataniifi fulbaana 15 bara 2012 immoo abbaa gadaa odaa hullee kan godina jimmaa ta’uun kan filataman abbaa gadaa

o

obbo  Abbaa Diggaa Abbaa Duulaa

 

 

BOQONNAA  LAMA

Irreessi ilmaan akaakoo akka odaa hulleetti yookaan oromoo godina jimmaa eessatti argama?

Irreessi ilmaan akaakoo 1730-1738 yeroo odaan hullee wiirtuu gadaa ta,ee tajaajilaa ture keessatti  Aanaa omoo naddaa gandda laaftekkaa jedhamu fuullee odaa hulleetti argamutti akka kabajamaa ture seenaan sirritti ibsa,

 Haaa,umalee laafiinsa gadaa faana irreessi ilmaan akaakoo ka ta,e horri jila aabbaa kan jedhamee beekamuuf Aanaa omoo naddaa gandda laaftekkaa keessatti kan argamu eddoon isaa ummata naannichaatiin kabajamee eegamaa ture,

   Gaafa guyyaa 16/2/2012 irreessi ilmaan akaakoo oromoo godina jimmaa eddo laafee jiru irraa qorannoo ogeessota waajjira aadaafii tuurizimiitiif ummata aanaa omoo naddaatiin deebi,ee bakka isaatti kabajamee jirra ayyanni kun yeroo dheeraadhaaf woggaa 239 erga wol irra citeen booda eddo koreen saglee maccaafii ardaaleen jilaa odaa hullee aanaalee godina keenya argamanitti bifa ho,aadhaan kabajamee jira.kana dura eddo irreessaa kana wollaluudhaa bifa faffaca,een kan deemamaa ture yoo ta,u,guyyaa eddoon irreessi ganamaa itti kabajamaa ture kana hubatameen booda ummanni oromoo irree tokkoon eddo tokkotti kan kabajatu ta,a.

   BOQONNAA SADI

3.1. Maqaafi bakka dhaloota obbo A/Diggaa A/Duulaa

Obbo Abbaa Diggaa Abbaa Duulaa bara1940 akka lakkoofsa itiyoophiyaatti abbaa isaanii Abbaa Duulaa Abbaa Garoo fi

haadha isaanii Aadde Dooyyittii Abbaa Simal irraa Godina Jimma Aanaa Oomoo Naaddaa Ganda Tolii Sabbataatti kan dhalataniidha. Obbo Abbaa Diggaa Abbaa Duulaa sanyiin isaan irraa dhalatan abbaan isaanii gosa oromoo maccaa jimmaan jiran sadacha hariiroo irraa kan dhalatan yoo ta’an, haati isaanii immoo dooyyoo jedhamuun gosa badiitti kan galuudha. Obbo Abbaan Diggaa ijoollummaa irraa kaasanii amalaafi naamusa gaarii akkasumas dandeettii cimaa nama qabaniidha.

Isaanis:- kan dhalatan maatii isaaniif ilmoo dhiiraa tokkicha kan ta’an yoo ta’u, abbaan isaanii Obbo Abbaa Duulaa Abbaa Garoo ilmoo dhiiraa dhabanii qomoo waamanii korma qalanii duwaahii godhaniiti Abbaan Diggaa kan dhalatani.

  Isaanis :- obbolaa dubaraa lama qofa kan qabanii fi  abbaan isaanii ijoollummaan waggaa torbatti kan du’aan irraa boqotan yoo ta’u, hiyyummaatti kan guddataniidha.

3.2. Seenaa Jireenya Isaanii

Abbaa Diggaa Abbaa Duulaa ijoollummaa irraa kaasanii nama naamusaafi amala gaarii qabanii fi hawaasa keessatti ilaalcha gaarii nama qaban nama wal lole araarsuudhaan beekamu  turan.   Haaluma kanaan guddataa akkuma deemaniin namoota gurguddootti dhiyaachuun aadaafi safuu hawaasichaa qorachaati kan guddatan. Umuriin isaanii barumsaaf gahus haalli isaan itti guddatan barumsaaf waan hin heyyaminiif mana barumsaa osoo hin seenin hafanis namoota naannoo sana jiran irraa aadaafi seenaa akkasumas waa’ee sirna gadaa odaa hullee maanguddoota naannoo jiraniifi aanaalee ollaa illee deemuun qoratanii  beekumsa sirna gadaatiin guutamanii sabboonummaa oromummaafi bu’aa sirna gadaa hubachaa nama guddataniidha.Kana qofaas osoo hin taane qomoo isaanii sanyii abbaa isaanii irraa ka’uun afran jimma hanga kan isaanii akkasumas eenyu eessa akka jiruufi qomoon isaa maal akka ta’e qorachuun kan beekan yoo ta’u, sanyiin gosa oromoo maccaa jimma keessa jiran Agaloon, Biloon, Sadachi, Laaloon, Arsu, Badiiniifi kanneen biroo aanaalee godina jimma keessa jiran keessatti eessa eessatti eenyu irra jireessaan faffaca’anii akka jiran nama qoratanii beekaniidha. Haaluma kanaan guddatanii umuriin isaanii fuudhaaf akkuma ga’een haadha warraa fuudhanii ilmoo erga godhatanii mootummaa dargii waliin walii galuu dadhabuun mootummaan dargii mana hidhaatti galche. Mana hidhaatii ba’uun  maatii isaaniis dhiisanii meeshaa waraanaa fudhachuun gara gammoojjii oomootti galani. Haaluma kanaan  osoo jiranii haati warraa isaanii du’aan boqonnaan ilmookoon guddifadha jedhanii meeshaa waraanaa hirkisuun galan. Kana ta’us waraanni dargii duuka bu’anii hordofuu hin dhiisne.Haaluma kanaan osoo jiranii gaaf tokko isaan gabaa Aallee jedhamu naannoo isaanii jiru dhaqnaan hidhattoonni dargii qabuun waggaa sadiif ji’a torba jimmatti hidhaniiti kan turan. Achii mana hidhaatii erga bahaniis haadha warraa kan biraa fuudhuun ijoollee horan. Ammas milkiin hin tolle haati warraasaanii jalaa du’an.

Isaanis abdii osoo hin kutatin haadha warraa sadaffaa fuudhuun ammas bultii waliin dhaabbatanii ilmoos horan.

Walumaa gala Obbo Abbaan Diggaa   ijoollee kudha sagal dhiira 13 fi dubara 6 horuun kan waliin jiraataniidha. Obbo Abbaan  Diggaa waa’ee sirna gadaa odaa hulleetiif dhamaatii isaan godhan kufaatii dargii 1983 irraa jalqabuun sirna gadaa odaa hullee ijaaruuf qabsoo isaan godhan guddaadha. Bara 2000 E.C dhagaan bu’uuraa galma odaa hulleef dhaabbatee kaasanii dhimma gadaa hulleef jimmaa hanga godinaalee oromiyaa tokko tokko deemuun hojjetaa osoo jiranii amajji 15/2010 godaansa gadaa hullee geggeessuun fulbaana 15/1012 immoo eddo sagleen macca jiranuufii ardaaleen jilaa odaa hullee saddeetta jiranutti eega gadaan odaa hulleewolirra cite woggaa 239 booda Abbaa Gadaa Odaa Hullee isa jalqabaa ta,uudhaan filatamanii hojii keessa galanii hojjechaa turan ,

 

IRREECHA ODAA HULLEE

 

3.3. Bu’aa isaan uummata oromoof buusan

 

Sirni Gadaa Odaa Hullee erga addaan citee waggoota 239 ol tureera jedhu maanguddoonnis seenaanis.Abbaan gadaa yeroo dhumaaf odaa hullee bulchaa turanis abbaa Boosoo jedhama. Bara sanaa kaasee sirni gadaa hullee addaan cite waan tureef hanga bara 2012tti waa’een gadaa hullee abbaa gadaa hin argatin ture.

Isa kana deebisanii ijaaruu keessatti abbaan gadaa odaa hullee Obbo Abbaa Diggaa Abbaa Duulaa gahee isaan bahatan lakkaa’amee hin dhumu. Isaanis bara dargii keessa mootummaa dargiin walmormaa fi hidhamaa akkuma turan dargiin erga kufee as immoo bara 1983 hanga 2012tti ganda keessa jiraatanii kaasuun hanga oromiyaa guutuu yoo jedhame kan hin sobamne walgahii adda addaa finfinnee, asallaa, adaamaa, amboofi magaalaa jimmaa irratti taa’amu hunda irratti argamuun beektotaafi abbootii gadaa maccaa fi tuulamaan illee walarguun marii garaagaraa gochuun muuxannoo horataniin waa’ee odaa hullee immoo karaa miidiyaa fi waltajjii adda addaa ibsa isaan kennan xiqqaa miti. Bu’aa isaan buusan ganda keessatti dhalatan irraa kaasnee yoo ilaalle akka gandaatti namoota waldhaban qomoodha osoo hin jedhin walumaagala waldhabdee hawaasa keessa jiru hunda bifa jaarsummaatiin furmaata kennuun kan araarsaa turaniifi hanga gaafa lubbuun isaanii darbuutti kan hawaasa tajaajilaa turaniidha. Dandeettii nama araarsuu fi dhageettii namaa kanas kan argatan kennaadhuma uumamaan rabbi kenneefiiniifi akkaataa guddina itti guddatan irraa kan dhaalaniidha jedhu namoonni isaan beekan. Abbaan isaanii ijoollummaatti irraa du’anis uumamumaan nama hubannoo qaban waan ta’aniif haala kanaan hawaasa waliin jiraachaa guddatan. Obbo Abbaa Diggaa qe’ee ofii irraa ka’uun hawaasa ganda isaanii tajaajilaa akkuma guddataniin kufaatii mootummaa dargii 1983 irraa kaasuun hanga bara 2000 dhagaan bu’uuraa odaa hullee ka’amutti waa’ee sirna gadaa hullee maanguddoota duraan turan irraa barachuun dhaloota waa’ee kanaa beekuu barbaadan barsiisaa kan turan ta,uu namootni irraa baratan kan nutti himan. Dhaloota naannoo qofa osoo hin taane beektotaafi qorattoota seenaa university jimmaa fi bakka garaagaraa irraa dhufaniif akka madda odeeffannoo ta’uun kan tajaajilaa turan ta’uu beektonni irraa raga waraabbatan kan dhugaa bahaniidha. Beekumsi isaaniis sirna gadaa keessa kan jiran duudhaalee ittiin bulmaataa, akkaataa fuudhaaf heerumaa, gadaan maal ajaja? fi safuufi safeeffannaa oromoon maccaa warra gibe gamaa qaban hunda akka nama miimooriitti waraabee qabuutti kan isaan namatti himan. Haaluma kanaan osoo hojjetaa jiranii beekumsa waa’ee sirna gadaa odaa hullee ummata oromoo hundaaf barumsa adda addaa bakka waltajjii fi miidiyaa argatan irratti osoo barsiisanii bara 2000 dhagaan bu’uuraa galma odaa hullee akka dhaabbatu ta’e. Ammas xumure osoo hin jedhin waajjira aadaaf tuurizimii aanaa oomoo naaddaafi godina jimmaa waliin ta’uun  hanga sirni gadaa odaa hullee lafa qabatutti hin boqodhu jechuun kutannoofi ejjennoon halkaniif guyyaa dhama’uun bara 2010 odaa bisilitti seera tumaa waraabbatan. Akkuma seera waraabbataniin boqonnaa tokko malee bulchiinsa aanaa mariisisuun baajataan akka deggeran erga godhanii booda salgee maccaa waamuun amajji 15/2010 akka lakkoofsa biyya keenyaatti odaa hullee irratti godaansa gadaa gochuun karaa abbaa gadaa maccaa Obbo Taakkalee Dhinsaa seerri akka lallabamu godhame.Kana gochuufis bisilitti deddeebi’anii mariisisuun seeronni gadaa maccaa jala jiran hundi akka raawwatan muuxannoo fudhachuun godaansi gadaa maccaa

odaa bisilitti erga geggeeffamee booda akka sadarkaa isaatti amajji 15/2010 godaansi gadaa hullee odaa hulleetti akka godhamu ta’e.Kana booda Obbo Abbaa Diggaa hawaasa mariisisuun maalummaa sirna gadaa barumsa bakka adda addaatti fknf:-caffeewwan torbanodaan hullee qabu hunda waamuun caffee warra sadachaa kan ta’e odaa diimaa achuma aanaa oomoo naaddaa keessatti kan argamu jalatti marii hubannoo uumuun

 

 

   erga godhaniifii uummata aanichaa immoo dadammaqsuun bu’uuraalee misoomaa fknf:- daandii harkaan soqsiisanii akka baasaniif uummata waliin ta’uun jabaadhaa jechuun gufuuwwan karaa adda addaa itti dhufu hunda obsaan danda’uun dabarsanii gargaarsa akka godhaniif qeerroo fi hawaasa mariisisuun godoon shanan bakka odaa hulleetti kan gadaa shananii ijaarsisuun namoonnis sangaa fi hoolaa arjoomuun gaafa godaansa gadaa hullee qalamuun eebbi akka ta’u gochaa kan turaniidha. Godaansa gadaa hullee kanarrattis ilmaan maccaa kan ta’an godina saddeettan macci qabdu irraa waamichi ta’uufiin bakka odaa hulleetti godaaname. Kana kan godhanis gaafa godaansa gadaa maccaa odaa bisilitti godhan sana bakka bu’iinsa odaa hullee fudhachuun kan deeman bisilittis bakka bu’anii filatamuun erga deebi’anii kaasee itti gaafatamummaan dachaa waan itti kennameef hanga wareegama lubbuutti nan hojjedha jedhanii hojjetaa kan turaniidha.  Bara 2010 erga godaansi gadaa hullee godhamee kaasaniis xiiqiidhaa fi murannoon waltajjii hubannoo uumuu iddoo garagaraatti fknf odaa diimaa jalatti miseensota caffee odaa diimaa waamuun, magaalaa jimmaatti waajjira aadaaf tuurizimii godina jimmaa fi university jimmaa waliin ta’uun hubannoo kennaa kan turan yoo ta’u, hanga fulbaana 15 bara 2012 abbaa gadaa odaa hullee ta’uun muudamanitti koree akka aanaatti ijaaruun hojii gara garaa hojjetaa kan turaniidha. Obbo Abbaa Diggaa dhimma odaa hulleetiif wanti isaan hin hojjenne hin jiru.

Ogeessi qorannoo yoo dhufe akka jaarsa biyyaatti, akka abbaa gadaatti,  akka qaama hawaasaatti bakka hunda gahuun tajaajilaa kan turan yoo ta’u hojii isaan ilaaluufi hin ilaalle hunda keessatti osoo of hin qusatin beekumsa qaban namaaf qoodaa kan turaniidha. Dabalataanis ilmaan shanan gibe odaa hulleetti seera tumataa turan malkaan irreechaa isaan itti irreeffataa turan seenaan isaafi bakki isaa dagatamee ture deebi’ee qoratamee akka itti irreeffatamuuf waajjira aadaaf tuurizimii aanaa oomoo naaddaaf odeeffannoo kan kenne isaan yoo ta’u, bakki kunis bakka addaa ‘’hora jila abbaa’’ jedhamuun godina jimmaa aanaa oomoo naaddaa ganda laaftakkaa keessatti argama. Hora kanatti bara 2012 gaafa amajji 15/2012 salgee maccaa hunda waamuun irratti kan irreeffatame yoo ta’u , abbaan gadaa maccaa yeroo ammaa obbo Warqinaa Tarreessaa irratti argamanii jiru.

Walumaagalatti Obbo Abbaa Diggaa Abbaa Duulaa abbaan gadaa odaa hullee sirni gadaa odaa hullee deebi’ee akka ijaaramuuf hanga gaafa fulbaana 15/2012 gadooma fudhatanitti qe’ee koo, maatii koo osoo hin jedhin gannaa fi bona osoo hin jedhin rooba dukkana osoo hin jedhin waltajjii waa’ee sirna gadaatiif waamaman hunda irratti argamuuf halkaniif guyyaa miilla isaaniin bakka geejjiba dhabanitti deemanii bakka itti dhihe bulanii waan nyaataniif dhuganiif osoo hin dhiphatin gadaan hullee akka deebi’uuf hojii isaan hojjetan yoomuu kan hin dagatamneedha seenaa kan hundda rawwachuun  caamsaa 1/2012 dhibee isaan mudateen du’aan boqotaniiru.Awwaalli isaaniis Aanaa Oomoo Naaddaa bakkuma dhaloota isaaniitti kabajaan geggeeffameera .

 

 

 

Xumura

Obboo abbadiggaa a/duulaa gadaa odaa hullee lafa qabsiisuuf jecha obbolaa isaanii kan biro woliin ta,uudhaa gahee isaan irra eegamu bahatanii jiru,keessattuyyuu nama wol dhabe gartummaa tokko malee akka innii nagaa ta,u gochuu keessatti gahee isan irraa eegamu bahatanii jiru,kana malees irreessa ilmaan akaakoo kan ta,e hora jila abbaa aanaa o/naddaa gandda laaftekkaa keessatti argamu woggaa 239 booda deebi,ee akka boota isaatti deebi,u gochuu keessatti gahee isaanii bahatanii jiru oromoonnii kan biros dudhaa isaanii qanannee haadeemnuun dhaamsa keenya,

 

Madda bareefama keenyaa

  • kibaa gadaa maccaa

    2   kitaaba gadaa tuulamaa